Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dhaamsa Waldaa Dargaggoota Oromoo Keenyaa.

 

DHAAMSA WDO-KEENYAA

BAGA GUYYAA YAADANNOO GOOTOTA OROMOO GEESSAN!

Waldaan Dargaggoota Oromoo Keenyaa, WDO_K, kan bara 2001 walakkeessa keessa hundeeffame, haala gara-garaa keessa qaxxaamuree, har’as kunoo, akkuma kana duraatti, ayyaana guyyaa Gootota Oromoo kabajachuutti jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo waan har’aa miti; qabsoon kun akka jaarmayaatti gad-dhaabbatee erga hundee sirna nafxanyaa buqqisuu irratti hojjachuu eegalee, kunoo har’a gara waggaa soddomaa jala gahee jira. Qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaramee, qabsoo bilisummaa ta’uun kan walqabatu, dhimmi dhibii immoo seenaa saba keenyaa jaarraa afurii oliif aguugamee ture, amma immoo dhiigaafi lafee gootota Oromoon deebi’ee waltajjii addunyaatti mul’achuutti jiruudha. Sabni keenya yeroon itti sodaatameefi kabajame akkuma jiru, yeroon itti salphifameefi itti roorrifamaa tures bara fagoo miti. Yaadannoo dhaloota keenyaa keessaa kan bakka guddaa qabus, miidhaafi roorroo diinni saba keenya irraan gahaa tureefi amma illee gahaa jiruudha. Miidhaafi roorroon kun immoo kan saba keenya irraa buqqa’uu danda’u qabsoo hidhannoo ta’uun waan itti amanameef, sabboontoti Oromoo lubbuu isaanii itti kitimeessanii akka sabni keenya mataa isaa ol qabatu godhaa jiran.

Ayyaana guyyaa har’aa sabni keenya bakkayyuutti kabajus kan dhale, qabsoodhuma hidhannoo bilisummaa Oromooti. Kanaaf, WDO_K, yeroo kanatti waan jiruufi jireenya hawaasa keenyaa mul’isan keessaa, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti20qoodni dargaggootaa maal akka ta’e, WDO_Keenyaas haga ammaatti maal akka dalageefi egere illee maal akka dalaguu qaban walhubachiisuu ta’a. Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo irraa akka hubannutti, EBLA 15 akka addaatti waan kabajannuuf qabna. Addi Bilisummaa Oromoo Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo akka tahu sababa malee hin murteessine. Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Baarree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hincitne itti bobbaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cicimaa seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhus ture. Qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii ofirraa qolatanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan.

Injifannoo karaa waraanaan argames karaa jaarmayaan itti fufuuf hogganooti ABO Arsii, Baalee fi Harargee keessa jiran baatii Bitootessa keessa walitti dhufan. Sana booda hogganooti ABO biyya alaa turanis mootummaa Soomaliyaa amansiifachuun waajjirri ABO akka Moqaadishootti banamu bara 1980 keessa murteessan. Haala mijjataa kanatti dhimma bahamee hogganooti biyya keessaafi ala jiran qaamaan wal arganii dhimma jaarmayaa dhaaba irratti murtii irra gahuun akka barbaachisu hubatame. Akka kanatti hogganoota yeroos dirree t uran keessaa jilli tokko kan Dura Taa’aa fi I/A/Dura Taa’aan keessatti argaman akka Moqaadishoo deeman murtaawe. Akka kanatti jaallan miseensoti dhaabaa olaanoo kudhan: Jaal Magarsaa Barii, Jaal Gadaa Gammadaa , Jaal Abboomaa Mitikku, Jaal Yigazu Bantii, Jaal Falmataa Caccabsaa, Jaal Faafam Dooyyoo, Jaal Irra’anaa Qacalee , Jaal Dhadacha Boroo, Jaal Daddacha Muldhataa, fi Jaal Marii Galaan gara Somaaliyaatti socho’an. Jaallan kun amna isaanii itti fufuu dhaan gammojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan hineegne isaan mudate. Jaallan kun osoo hin beekin harka waraana shiftaa bu’anii harka diinaattii wareegaman. Jaallan hogganoota dhaabaa kunneenis amantiifi gosaan otuu adda hinbahiin, akka tokkummaan qabsoo saba isaaniif Ebla 15, 1980tti humnoota shiftaan rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman. Tokkummaan ummata Oromoo amantiifi gosaan kan adda hin baane tahuus, jaallan keenya kannee guyyaa sana dhiiga isaaniin mirkaneessanii darban. ABO sababa kana irraa ka’uudhaan Elba 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhee moggaase. Guyyaan kunis haga har’aatti seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti guyyaa ayyaana Gootota Oromoo ta’ee kabajamaa jira.

Har’a, egaa, bakka kanatti kan walgeenye, guyyaa kabajamaafi seena qabeessa kana yaadachuufi guyyaa kanaan dahannee irbuu kaayyoo keenya galmaan gahuuf galle irra deebinee haaromfachuuf ta’a. Waldaan dargaggoota Oromoo-Keenyaa illee ayyaana kabajamaafi ulfaataa kanas, Ummata keenya dhiibbaafi roorroo alagaa baqatanii, biyyaafi saba jaalatan irraa addaan bahan waliin walta’ee kan qopheesse ummata keenya, maatii wareegamtootaa, qabsaa’otaafi maatii qabsaa’otaa waliin kabajachuuf; waltajjii kana irrattis jaallan keenya guyyaa kanatti qabsoo bilisummaa Oromoof osoo amna irra jiranii wareegaman kabajaafi ulfinaan yaadachuuf. Nuti, dargaggoonni Oromoo biyya abbaa keenyaa irraa humna diinaan dhiibamnes, bakka jirrutti gahee keenya bahuufi galfata goototi keenya nutti dhiisanii kufan galiin gahuun dirqama keenya duraa ta’uu tolchinee hubanna. Dhaloonni Oromoos karaa garaa garaatiin Qabsoo Bilisummaa Oromoof dirmachuuf yommuu murteeffatan, akeeka eebbifamaa goototi keenya kufaniif galmaan gahuuf ta’uunis kan hubatamuudha. WDO_K kaayyoo hundeeffameef galmaan gahuuf rakkina addaddaa keessa qaxxaamuree har’a gaheera. Adeemsa haga ammaattis hojiilee hintuffatamne dalagaa jira. Bara waldaan kun hundeeffametti, garuu, gufuuleen turan akka seenaatti yaadatamuun hinoolu. Yeroo sanatti hawaasti Oromoo kan biyya baqaa kana keessa jiru- hangi tokko sochii diinaatiifi farreeniitiin manatti deebi’ee taa’uun, hangi tokko amantii jala galee nurraa maquun, hangi tokko immoo kutaa, gandaa fi gosaan wal-jala galee turuun kan dagatamu miti. Bu’uuressitoonni Waldaa Dargaggoota Oromoo Keenyaa sab-boonummaa Oromoo, Oromummaa, qulqulluufi kaayyoo tokkummaa sabaatiin kutaalee Oromiyaa hundarraa walgahuun tokkummaa dhugaa kan Oromoon ganamaan qabu qabatani i walitti dhufan. Kaayyoon isaaniis, ummata biyya ambaatii fi jaarmayoota idil addunyaa wajjiin hariiroo gaarii uumuudhaan, gochaalee farrummaa, fi dhiittaa mirga namoomaa uummata keenya irratti raawwatamaa jiru saaxiluudha. Mirgi baqattoota Oromoo akka kabajamu hojjechuu, dargaggoota Oromoo biyyoota adda-addaa keessa faca’an waliin hariiroo uummachuudhaan, dargaggoota Oromoo Oromiyaa keessatti qabsaahaa jiran cinaa dhaabbachuun illee kaayyoo waldichaa ti.

Har’as yeroo ayyaana Gootota Oromoo kabajannutti, Waldaan Dargaggoota Oromoo Keenyaa, kaayyoo isaa keessaa kan dargaggoonni seenaa, aadaa fi afaan isaanii akkasumas barnoota idilee akka hordofan kakaasuu, Qabsoo Bilisummaa Oromoo akka hubataniifi tokkummaa isaanii cimsachuudhaan qooda isaan irraa eegamu akka gumaachaniif dammaqsaa jira. Dhalooti dammaqiinsa siyaasaa hinqabne olola diinaan akka salphaatti afaanfaajja’uu waan danda’aniif, waldaan keenya dammaqiinsa siyaasaa Oromoo cimsuu irratti illee hojjachaa jira. Akkasumas gochaalee diinaafi farreen qabsoo ummataa kan akka kutaa, gosaafi amantiidhaan qoqqoodan, tokkummaa Oromoo laaffisuufi shira keessaa dalagan maseensuu irrattis hojjachaa, Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf dirqama irraa eegamu bahaa jira. WDO_Keenya kaayyoo bifa kanaatiin lafaa ka’e ummata Oromoo, sabboontotaafi deeggertoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo biratti gammachuu guddaan simatamus, gama diinaatiifi farreen Qabsoo Bilisummaa Oromootiin akka salphaatti kan ilaalame hinturre. Sababni isaas erga waldaan20kun dhaabbatee sochiin farreenii uummata Oromoo biratti gatii dhabaa deemuuf akka barbaadan holola Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti oofaniin milkaahuu waan hindandeenyeef jibbaa fi dhiibbaa adda-addaa koree fi miseensota waldaa dargaggoota Oromoo keenyaa irratti oofaa turan.

Waldaan kun garuu gufuulee farreeniif otoo hinjilbeeffatiin heeraafi seera bulmaataa tumachuudhaan socho’aa ture. Waldaan kun baroottan darbaniif hanga barbaadchisu hundallee ta’uu baatu, haga humna isaa qabsoo bilisummaa Oromoo utubuufi jabeessuu irratti hojjechaa jira. Keessaayyuu, hojiilee hanga ammaatti hojjataman keessaa barabaraan Ayyaana Gootota Oromoo haalaa gaariin kabajaa jira; sababa Ayyaanichaan; ummata Oromoo walitti qabuun waayee ayyaana Goototaa barsiisuufi kaayyoo goototi wareegamaniif hubachiisuu irrattis hojjachaa jira. Ammas akkuma kaleessaatti kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo milkeessuuf tattaaffii isaadaran jabeessee itti fufa. Waldaan keenya xurree goototi Oromoo haala QBO hubatanii lubbuu isaanii qaaliifi jijjiirraa hinqabne itti baasuuf murteeffatanii qabsaahuun nuuf saaqaniin injifannoolee galmaawan kabajaan eeggata. Dhugaadha, akka baay’ina saba keenyaatti, otuu silaa hundi keenya haala kanaan murteeffannee qabsooynee, Bilisummaa keenya gonfannee jirra turre. Sun ta’uu baatus, QBO ammallee finiinaa jiru keessatti wareegama lubbuu goototi, beektoti, hayyootiifi sabboontoti keenya kaffalaniin aduun bilisummaa baate akka deebitee hindhaamne gochuu keessatti dhalooti keenya, keessaayyu, darga ggooti, fedhiifi kutannoon akka hojjatan gochuu irratti WDO_Keenya addadurummaan akka socho’u ayyaana guyyaa kabajamaa kana irratti nimirkaneessa. Xurreen bilisummaa lubbuu, dhiigaafi lafee gootota keenyaan bahes, daran babal’atee manii isaa akka gahuuf, dhalooti keenya biyyaafi biyyoo isaanii akka tifkatan, hundee garbummaa akka buqqisaniifi QBO keessatti murannoofi kutannoon akka hirmaatan waldammaqsuu irratti hojjachuuf irbuu seenne nihaaromfanna; Gumaan isaaniis Bilisummaan akka mirkanaahuuf jabinaan qabsoofna.

Dhugaatti, nuti, dhalooti haaraan, guyyaa Gootota kana bara-baraan yaadachaa, Guyyaa Goototaa kanas kabajaafi faarsaa jirra. Guyyaa ayyaanaa kana kabajnu, Gootota keenya faarsuufi ittiin dhaadachuun cinatti, waan walgaafannu hedduu qabna. Nurraa hoo maaltu eegama? Dhaadannoo Bilisummaa akkamitti dhugoomsina? Gumaacha QBOf godhaa jirruhoo hagamiin yoo guddifne yeroo Qabsoon nutti fudhattu gabaabsuu dandeenya? jennee ofgaafachuufi walgaafachuun barbaachisaafi murteessadha. WDO_Keenyaa gaaffillee seenaa kunneen deebisuuf, akkuma kana duraa gara fuulduraattis kaayyoo isaa bu’uuraa irratti hundaa’ee sagantaalee bashannanaa fi meeshaalee adda-addaa qopheessuudhaan galii irraa argamuun QBO bira dhaabbachuu isaa itti fufa. Waldaalee hawaasa Oromoo Keenyaa keessa jiran waliin hariiroo gaariidhaan hojjechaa akkuma turettis, rakkina baqattoota Oromoo biyya kana keessatti mudachaa jiran hiikuufis waan danda’u hundaan nihojjata. Waldaan keenya akkuma kana dura yeroo gocha farreen di inaatiin baqattoota Oromoo biyyatti deebisuuf yaalame san adda-durummaadhaan dura dhaabbatee fashalseera. Yeroo farreen ummata Oromoo kutaan, gosaa gandaa fi amantiin walitti buusuuf yaalan dhibdeelee jiran araaraafi nagaan hiikuuf tattaaffii taasisu illee jabeessee itti fufa. Qabsaahota Qabsoo irratti miidhaman ykn biyya baqaa kana keessatti rakkina jireenya qabanis, WDO Keenyaa waan dandeettii isaatiin bira dhaabbachaa akkuma turetti, amma illee Waldaalee fi jaarmaalee Oromoo kan biyya alaa keessa jiran waliin hariiroo uummatee hojjechuu isaa itti fufa.

WDO_Keenyaa akka amanutti, amma illee akkuma kaleessaatti Gumaa Gootota wareegamanii Bilisummaan baasuufi injjifannoo wareegama isaaniitiin argaman tikfachuu qabna; injifannoo qabsoo bilisummaan argamanittis iggitii godhachaa gumaata QBOf godhaa jirru dachaan guddisuuf murannoo, ciminaafi tokkummaan qabsoo finiinsuu qabna. Kanaafuu, guyyaa ayyaana Gootota Oromoo kabajamaa jiru kana irratti, dhalli Oromoo hundi, Gootota wareegaman maaf wareegamani? Injjifannoon isaaniin arganne maalfa’i? kan nuuf hafanoo maalfa’i? Wanneen hafan sanahoo akkamittiin gonfanna ykn bakkaan geenya? Akkamitti yeroo Qabsoon fudhattu gabaabsinee Qabsoo galmaan gahuu dandeenya? Kana godhuufoo akka dhuunfaattis, akka waloottis maaltu nurraa eegama? Maaltu ana irraa eegama jennee of gaafachuufi wal-gaafachuu akka qabnu waliif dhaamna. Keessattuu, dhalli Oromoo hundi abjuufi mul’ata Bilisummaa Sabaa qabaachuufi tokkummaan isaa jabaachuun QBO bakkaan gahuufi yero o qabsoon gaafattu gabaabsuuf barbaadchisaa qofa otoo hintaane murteessaa tahuu hubannee gumaacha QBOf godhaa jirru maddiitti isaan kana irrattis ciminaa fi qaroominaan hojjachuu qabna jenna. Haala kanaani kan Gumaan Gootota keenyaa Bilisummaadha dhaadannoo jedhu dhugoomsuu dandeenyu.WDO_Keenyaa kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’e, ABOf gaachana ummata Oromoo kan ta’e, WBO waan dandeetii isaatiin of qusannoo tokko malee cina nidhaabbata. Gocha duguuggaa sanyii kan Mootummaan goolessituu Wayyaanee barattootaafi ummata Oromoo irraan gahaa jirus cimsinee nibalaalleffanna. Bara bittaa isaa dheereffachuuf jechaa, walitti bu’iinsa mootummaan Wayyaanee gosoota Oromoo gidduutti uumaa jirtuufi gosoota Oromootiif gosoota ollaa Oromiyaa jiran wal-dhoofsisuuf shira xaxaa jirtus haalaan balaalleffachaa akka ummati Oromoo gochaa diinaa kana dammaqiinsaan of irraa eegu dhaamsa keenya nidabarsina. Uummati Oromoo biyya keessaafi ala jiru umrii gabrummaa gabaabsuufi Bilisummaa isaa gonfachuuf dirmannaafi hirmaannaa gochaa jiran kan durii caalaa cimsatanii, gochaalee farreenii fi diinni Qabsoo Bilisummaa Oromoo balleessuuf raawwataa jirtu qaamaa qalbiidhaan tokkoomanii akka faccisan illee imaanaa keenya waliin dhaammanna. WDO_Keenyaa, qabsaahotiifi dhaabbileen siyaasaa Oromoo biyya keessaafi ala jiran hundi yoo dhugaatti, galiin keessan Bilisummaa ummata Oromoo ta’e, hayyummaa warra keenyaa “waliif galan, alaa galan, “jedhu yaadachuun waliigalteen diina ummata Oromoo hundeen buqqisuu f tokkummaan akka hojjatan dhaamnaaf.

Barattoota, dargaggootaafi ummanni Oromoo hidhiinsaa fi ajjeechaa Wayyaaneef otoo hinjilbeenfatiin jabaannee Qabsoo keenya fiixabaasuuf gumaa Gootota ilmaan Oromoo Bilisummaan akka baafnu illee nidhaammanna. Dhaabbileefi humnooti addaaddaa kan aangoofi dantaa mataa isaaniitiif jecha diina waliin ta’anii dhala Oromoo ajjeesaafi ajjeesisaa jirtan gufuu Qabsoo Saba Oromoo ta’uu dhiiftanii, akka hayyummaa saba keenyaa“Marii-marsii-allaattii duuti lafa” jedhuun buluun, bor-gaabbuu irra har’a akka gochaalee badiinsa seenaa qabu kana irraa deebitan WDO_Keenyaa cimsee isinii dhaama. Hayyoota, beektotaafi ogeeyyotini Oromoo hundi bakkuma jirtanitti dandeettii qabdaniin Qabsoo Saba keessaniitiif akka hojjettan Waldaan Dargaggoota Oromoo Keenyaa isinitti dhaammata. Kanuma waliin, jaarmayaaleefi qaamoonni hawaasa Oromoo kan biyyoota mirga dhala namaa eegan keessa jirtan marti yoomiyyuu caalaa wal-tahuudhaan sagalee uummata Oromoo akka hawaasa addunyaatti dhageessistan, kabajaan isinitti dhaammanna. Har’a QBO sadarkaa abdachiisaa irra gahee jira. Ummatni keenya FDG jalqabee finiinsaa jira. Guyyaa guyyaa dhaan qabsaawoti Oromoo humna weerartuu osoo falmanii dirreetti, baddaatti, gammoojjiitti, magaalaafi baadiyyaa keessatti wareegamaa jiru. Jagnootiin barattootaafi dargaggooti Oromoo diina hudhanii qabuun lubbuu isaanii wareegaa jiru. Gootota keenya otoo bilisummaaf qabsoo godhanii wareegaman, yaadachuu, dinqisiifachuu, dhaadhessuufi seenaasaanii walbarsiisaa qab soo jabeessuun ofii isaafuu seenaadha. Ebla 15 bara 2009 kana bifa fi akkaataa addaan yaadachuu ooluun keenyas Gootota keenya kaleessas tahe baroota dheeraan dura wareegaman yaadachuu duwwaa osoo hin taane jaallan keenya fincila diddaa gabrummaa irratti wareegamaniifi sabboontota Oromoo har’a mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti saba isaaniif jecha gidiraa argaa jiran yeroo yaadannuudha. Guyyaa Ebla 15 duwwaa eeguu osoo hintaanees, Baatii Eblaa kana guutumaatti baatii Gootota jennee yaadachuu qabna. Jaallan keenya hidhaman mana hidhaatti gaafachuu, maatii warra hidhamee dubbisuufi jajjabeessuun gargaaruu, baqatoota keenya rakkatan gargaaruufi jajjabeessuun gahee keenya akka baanu illee waliif dhaamna.

Dhumarrattis, WDO-Keenyaa dhaamsa bilisummaa jajjabduu dhaloota haaraaf dabarsu qaba. Tokkofaa, seenaa dhaloota haaraa kan seenaafi fuuljireenya hawaasa Oromoo roorroofi hiraarsaa buqqisee jijjiirama buqqaasaa fiduu danda’uudha.Gama biraan ilaalcha matayyaa dhalooti keenya qabuudha. Seenaa dhaloota haaraa kan agarsiisu otuu dargaggooti Oromoo jiranii biyyoofi biyyeen Oromoo akka diinaan dhuunfatametti kan hinhafne ta’uu agarsiisa. Seenaa matayyaa keenyaa bifa kamiinuu dhimma saba keenyaa caalee qabsoo diddaafi fincila garbummaa nu eeggatu irraa duubatti kan nu deebisu ta’uu hinqabu. Dhaamsa kana guduunfuuf, waltajjii kabajamaa guyyaa yaadannoo gootota Oromoo kana irratti WDO-Keenyaa dhalooti keenya haaraan waan sadii irratti xiyyeeffatanii qabsoo bilisummaa Oromoo milkoomsuu ir ratti akka hojjatan waliif dhaamna. Tokkoffaa, dhalooti keenya haaraan gumaa gootota keenyaa bilisummaan kaffaluuf waan ulfaataafi sodaatamaa ta’u illee haga dandeettii keenyaa qabsoo bilisummaa oromoo waan fardeessu yaaluufi hojjachuu irraa duubatti deebi’uu dhiisuudha. Lammafaa, dhalooti keenya qabsoo bilisummaa Oromoo ammayyeessuun akka dafee galii isaa dhaqqabu gochuu irratti dhuunfaanis ta’ee gamtaan birmatanii gahee isaanii bahuuf tarkaanfachuu qaban. Sadaffaa, dhalooti keenya hoggansa egere isaan eeggatuufi fudhatanii biyyaafi saba keenya ittin tajaajilan bira gahuuf dursanii of qopheessuu qaban. Arfaffaa irratti, dhaabni keenya dhaaba jabaafi sodaatamaa akka ta’uuf qabsoo beekumsaafi qaroominaa gochuu irratti hojjachuu qabna.

WDO-Keenyaa akka amanutti, dhalooti keenya hanga dhaadannoo “DARGAGGOONNI IRREE SABAATI!” jedhu hojiitti hiikanii biyyoofi biyya isaanii hintifkannetti, biyyaafi biyyoo egere bulchan turfachuufi qabaachuu hindanda’an.

GADAAN GADAA BILISUMMAATI!!!

INJIFATNOON UUMMATA OROMOOF!!!

WDO_KENYA

Ebla 15, 2009

United Youth are the future of tomorrow! ____________________ Dargaggoonni Irree Sabaati !


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net